Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Hojii Misiyoonummaa Ni Hojjetuu?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Hojii Misiyoonummaa Ni Hojjetuu?

 Eeyyee. Eessa iyyuu kan jiraannu yoo taʼe nuti Dhugaa Baatonni Yihowaa ilaalcha akka misiyoonotaa, jechuunis iddoo jirru hundumaatti wanta itti amannu namootatti himuuf carraaqna.—Maatewos 28:19, 20.

 Dabalataanis, Dhugaa Baatonni Yihowaa tokko tokko biyyuma isaanii keessatti naannoo namoonni hedduun misiraachoo Macaafa Qulqulluu dhagaʼuu hin dandeenye deemuu ykn achuma jiraachuu jalqabu. Dhugaa Baatonni kaan immoo tajaajila isaanii babalʼisuuf jecha biyya isaaniitii ala deemu. Raajii Yesus, “Hamma andaara lafaattis dhuga-baatuu koo in taatu” jechuudhaan dubbate raawwachuu irratti hirmaachuu isaaniitti baayʼee gammadu.—Hojii Ergamootaa 1:8.

 Bara 1943tti, mana barumsaa misiyoonota keenya tokko tokkoof leenjii kennu hundeessineerra. Yeroo sanaa kaasee, Dhugaa Baatonni Yihowaa 8,000 ol taʼan mana barumsaa kana, jechuunis Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Giilʼaad galanii barataniiru.