Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Kakuu Moofaatti Ni Amanuu?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Kakuu Moofaatti Ni Amanuu?

 Eeyyee. Dhugaa Baatonni Yihowaa guutummaan Macaafa Qulqulluu ‘geggeessaa hafuura Waaqayyootiin akka caafamee fi dhimma akka baasu’ amanu. (2 Ximotewos 3:16) Kun immoo Kakuu Moofaas, Kakuu Haaraas kan dabalatu dha. Walumaa galatti Dhugaa Baatonni Yihowaa kutaawwan Macaafa Qulqulluu kana, Caaffata Qulqullaaʼoo Afaan Ibrootaa fi Caaffata Qulqullaaʼoo Afaan Giriikii jechuudhaan waamu. Karaa kanaan Macaafa Qulqulluu keessaa kutaan yeroon itti darbe ykn hin barbaachisne jira jennee akka hin amanne argisiisna.

Kakuu Moofaa Fi Kakuu Haaraan Kiristiyaanotaaf Kan Barbaachisan Maaliifi?

 Phaawulos ergamaan inni Kiristiyaana ture hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee, “Wanti caaffata qulqullaaʼoo keessatti caafaman hundinuu nu barsiisuuf caafaman” jedheera. (Roomaa 15:4) Kanaafuu, Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa keessa barumsa faayida qabeessatu jira. Wantoonni kaan akkuma jiranitti taʼee, seenaa sirrii fi gorsa hojii irra ooluu dandaʼu nuu kennu.

  •   Seenaa sirrii. Caaffanni Qulqullaaʼoon afaan Ibrootaa waaʼee uumamaa fi akkaataa ilmaan namootaa cubbuutti itti kufanii odeeffannoo balʼaa qabateera. Odeeffannoo kana malee gaaffiiwwan kan akka: Jireenya kan arganne akkamittii? fi Namoonni maaliif duʼu? jedhaniif deebii quubsaa argachuu hin dandeenyu. (Uumama 2:7, 17) Kana malees, Caaffanni Qulqullaaʼoon afaan Ibrootaa Yihowaan namoota akkuma keenya gammachuus taʼe rakkina dabarsan akkamitti akka qabe ibsan of keessatti qabateera.—Yaaqoob 5:17.

  •   Gorsa hojii irra ooluu dandaʼu. Kitaabota Macaafa Qulqulluu kan taʼan macaafni Fakkeenyaa fi Lallabaa warri Kakuu Moofaa keessatti argaman ogummaa jireenyaaf gargaaru qabataniiru. Jireenya maatii gammachiisaa taʼe argachuun akkaataa itti dandaʼamu (Fakkeenya 15:17), hojiidhaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuu (Fakkeenya 10:4; Lallaba 4:6), akkasumas dargaggoonni karaa gammachuu isaaniif argamsiisuun jiraachuu akkamitti akka dandaʼan gorsa gaarii kennu (Lallaba 11:9–12:1).

 Caalaatti immoo, Seera Musee Tooraa (kitaabawwan shanan Macaafa Qulqulluu jalqabaa) keessatti argamu qayyabachuudhaan faayidaa argachuu dandeenya. Kiristiyaanonni Seericha jala kan hin jirre taʼus, seerawwan buʼuuraa jireenya gammachiisaa jiraachuuf gargaaran qabataniiru.—Lewwoota 19:18; Keessa Deebii 6:5-7.