Dhimma ijoo ta'etti seeni

Albert Wright/iStock via Getty Images

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Manʼee Simbira Maalii Jedhamuu

Manʼee Simbira Maalii Jedhamuu

 Simbirri maalii kibba Awustiraaliyaa keessa jiraatu manʼeen isaa hoʼa digirii seelshasii 34 taʼu akka qabaatu godha. Simbirri kun waggaa guutuu halkanii guyyaa hoʼa kana qabaatee itti fufuu kan dandaʼe akkamitti?

 Simbirroonni kun ganna ganna boolla meetira tokko gad fagaatuu fi balʼinni isaa meetira sadii taʼu kan qotan yommuu taʼu, inni kormaan immoo boollicha marga, baalaa fi haafa kan birootiin guuta. Tuullaan haafaa sun bokkaa gannaa gara boodaa roobuun erga jiidhee booda, kutaa keessaa bakka hanqaaquun taaʼu qotuudhaan guutummaa haafichaa biyyoo cirracha qabu uwwisa. Utuma baayʼee hin turin haafni sun tortoree hoʼa maddisiisuudhaan unkubeetarii uumamaa uuma.

Simbirri maalii hanqaaquu isaanii yaasuuf (A), hoʼa aduu fi hoʼa haafa tortore irraa argamutti fayyadamu (B). Baayʼina biyyoo sirreessuudhaan (C), simbirri kun hoʼa digirii seelshasii gara 34 taʼu hanqaaquun isaa jiʼoota hedduutiif akka argatu godha. Kana gochuuf, simbirri kun qeensa miilla isaatiin biyyoo baayʼee ni haadhaa, akkasumas ni deebisa (D)

 Yeroo dhaltuun hanqaaquu hanqaaquuf qophooftu hundatti, kormaan isaa biyyoo isaa irraa haadhee kutaa keessaa hanqaaquudhaaf qophaaʼe keessatti akka hanqaaqxu godha. Achiis yeruma sana haafa sana deebisee biyyoodhaan uwwisa. Fulbaanaa hanga Guraandhalaa gidduutti hanqaaquu 35 taʼu hanqaaquu dandeessi. a

 Simbirroonni kun hoʼina isaa ilaaluuf yeroo baayʼee huuruu isaanii cirracha keessa galchu. Achiis haafa sana akkuma waqtii isaatti sisirreessu. Fakkeenyaaf:

  •   Arfaasaatti yeroo haafni hoʼi manʼee akka garmalee ol kaʼu gochuu jalqabutti, kormaan biyyoo isa kutaa keessaa hanqaaquun keessa jiru irra jiru haadhee hoʼi isaa akka baʼu godha. Achiis, manʼee isaa biyyoo qabbanaaʼaa taʼeen deebisee uwwisa.

  •   Yeroo bonaatti, kormaan hanqaaquu sana irraa hoʼa aduu eeguuf haafa sana irratti biyyoo dabala. Haataʼu malee yeroo hunda ganama ganama biyyoo isaa irraa haadha, achiis manʼeen isaa fi cirrachi isaa erga qabbanaaʼee booda deebisee biyyoo itti uffisa.

  •   Tibba birraa yeroo haafni tortoree dhumutti, kormaan biyyoo hunda irraa haadhee aduun guyyaa hanqaaquu fi biyyoo haadhame sana akka hoʼisu godha. Achiis galgala hoʼa akka argatuuf haafa sana biyyoo hoʼaadhaan deebisee uffisa.

 Guyyaa guyyaadhaan akka walii galaatti kormaan biyyoo kiilogiraama gara 850 iddootii iddootti jijjiiraa saʼaatii shanii oliif hojjeta. Biyyoon iddootii iddootti jijjiiramuun isaa faayidaa dabalataas qaba: Biyyoon isaa akka wal hin qabanne gochuudhaan yeroo cuucoliin yaaʼanitti salphaatti haafa gidduudhaa akka baʼan gargaara.

 Simbirri maalii yeroo manʼee isaa irraa biyyoo haadhu daawwadhaa

 Maal sitti fakkaata? Dandeettii simbirri maalii hoʼa manʼee isaa itti toʼatu jijjiirama tirannaatiin argamee? Moo qaamni kana tolche jira?

a Hanqaaquun isaanii kan yaasan torban torbaa fi saddeet gidduutti yommuu taʼu, kunis hojii haafa sirreessuuf hojjetan hamma jiʼa Eblaatti akka itti fufu godha.