Dhimma ijoo ta'etti seeni

Todd Aki/Moment Open via Getty Images

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Akkaataa Qurxummiin Maantaa Reey Jedhamu Nyaata Itti Calalu

Akkaataa Qurxummiin Maantaa Reey Jedhamu Nyaata Itti Calalu

 Maantaa Reey yommuu galaana keessa deemu bishaanii fi orgaanizimoota pilaankitan jedhaman wal faana habbuuqqata. Makaan kun calaltuu tokkotti rukutama, calaltuun kunis orgaanizimiin pilaankitan jedhamu kun utaalee qoonqoo isaa keessa akka seenu godha, achiis qurxummichi ni liqimsa. Bishaanichi immoo calaltuu sana keessa yaaʼuu isaa itti fufee karaa inni hafuura baafatuun gad baʼa. Haataʼu malee, Maantaa Reey, pilaankitanoonni baayʼee xixinnoo taʼanii fi qaawwaa calaltuu isaa irra xinnaatanillee akka hin dabarre gochuu dandaʼa. Gaazexessaan saayinsii Eed Yoongi jedhamu qurxummiileen kun ‘waan hin dandaʼamne wanta fakkaatu’ akka raawwatan ibseera.

 Mee Yaadi: Calaltuun Maantaa Reey, roga shan kan qabu siʼa taʼu, miidoo karaa lamaan filu fakkaata. Ilkaan miidoo kanaa tokko tokko gara fuulduraatti tokko tokko immoo gara duubaatti garagalanii jiru. Ilkaanonni kun bishaanicha gargar hiruudhaan, gar tokko ilkaanota sana irra, gar tokkommoo ilkaanota sana gidduu akka darban godhu; yeroo kanatti bishaanichi ofirra nanaannaʼa.

 Pilaankitaniin ykn nyaanni kan biraan roga ilkaanota sanaa yommuu rukutu utaalee bishaan saffisaan deemaa jiru keessa buʼa, achiis qoonqoo qurxummichaa irra buʼa, sana booda ni liqimfama. Pilaankitanoonni xixinnoon ilkaanota sana gidduu darbuu dandaʼan illee, bishaan ofirra nanaannaʼu sanaan duubatti deebifamanii bishaan yaaʼaa jiru keessatti waan darbatamaniif qoonqoo qurxummichaa keessatti kufu. Akka kanaan calaltuun kun qurxummichi wantoota xixinnoo ilkaanota sana gidduu darbanii gara bishaaniitti deebiʼuu dandaʼan akka nyaatu isa gargaara.

 Kana malees, qurxummiin kun saffisa hammamiitiiniyyuu bishaanicha yoo daake ykn bishaanichi pilaankitanoota baayʼee yoo qabaateyyuu akkaataan calaltuun kun itti calalu qaawwaan isaa akka hin duudnee fi akka of qulqulleessu godha.

 Qorattoonni akkaataa calaltuun reey itti calalu ilaalanii meeshaa bishaan xuraaʼaa calaluu fi pilaastikoota baayʼee xixinnoo miidhaa geessisan calalee baasu hojjechuuf yaadaa jiru.

 Maal sitti fakkaata: Akkaataan calaltuun maantaa reey itti calalu jijjiirama tirannaatiin argamee? Moo qaamni kan tolche jira?