Dhimma ijoo ta'etti seeni

Yesuus Waaqa isa Hundumaa Dandaʼu Dhaa?

Yesuus Waaqa isa Hundumaa Dandaʼu Dhaa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Mormitoonni Yesuus Waaqaa wajjin of qixxeesse jedhanii isa himatanii turan. (Yohaannis 5:18; 10:30-33) Haa taʼu malee, Yesuus Waaqa isa Hundumaa Dandaʼuu wajjin qixxee akka taʼe dubbatee hin beeku. ‘Abbaan ana irra caala’ jedheera.—Yohaannis 14:28.

 Duuka buutonni Yesuus dur turan inni Waaqayyo isa Hundumaa Dandaʼuu wajjin qixxee akka taʼetti isa hin ilaalle. Fakkeenyaaf, Phaawulos ergamaan Yesuus erga duʼaa kaʼee booda Waaqayyo ‘iddoo hunda caalu isaaf kennuudhaan ol ol akka isa godhe’ barreesseera. Yaada kana irraa Phaawulos, Yesuus Waaqayyo isa Hundumaa Dandaʼu dha jedhee amanaa akka hin turre ifatti hubachuu ni dandeenya. Akkas yoo taʼe garuu, Waaqayyo akkamitti Yesuusiif iddoo hunda caalu kennuudhaan ol ol isa gochuu dandaʼa? —Filiphisiyus 2:9.