Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kitaabni Qulqulluun Mirga Filannaa Ilaalchisee Maal Jedha? Dhumni Keenya Toʼannaa Waaqayyoo Jala Jiraa?

Kitaabni Qulqulluun Mirga Filannaa Ilaalchisee Maal Jedha? Dhumni Keenya Toʼannaa Waaqayyoo Jala Jiraa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Waaqayyo innumti ykn carraan wanta raawwannu dursee nuu murteessuu mannaa, mirga filannaa, jechuunis mirga ofuma keenyaaf filannoo gochuu nuuf kennuudhaan nu kabajeera. Kitaabni Qulqulluun maal akka barsiisu hubadhu.

  •   Waaqayyo akka bifa isaatti nama uume. (Uumama 1:26) Bineensota uumamumaan sochoʼan irraa haala adda taʼeen, amalawwan akka jaalalaa fi haqaa jiran argisiisuuf dandeettii qabnuun Uumaa keenya fakkaachuu dandeenya. Akkasumas, akkuma Uumaa keenyaa mirga filannaa qabna.

  •   Yeroon gara fuulduraa keenya, harki caalaan isaa filanoo keenya irratti kan hundaaʼe dha. Kitaabni Qulqulluun, “Jireenya foʼadhaa! . . . Sagalee [Waaqayyoos] dhagaʼaa!” jedha. (Keessa Deebii 30:19, 20) Mirga filannaa odoo qabaachuu baannee, affeerraan akkasii nuuf dhihaachuun isaa hiika kan hin qabne, darbees gara jabina taʼa ture. Waaqayyo wanta ofii isaa barbaadu akka raawwannu nu dirqisiisuu mannaa, “Eyyee, ati seerrata koo utuu eegdeetta taʼee, silaa nagaan kee akka laga bishaanii in yaaʼa . . . ture” jechuudhaan afeerraa jaalala irratti hundaaʼe nuuf dhiheessa.—Isaayaas 48:18.

  •   Milkaaʼinni ykn kufaatiin keenya carraa irratti kan hundaaʼe miti. Hojii keenya irratti milkaaʼina argachuu yoo barbaadne, carraaqqii cimaa gochuu qabna. Kitaabni Qulqulluun, “Wanta harki kee hojjechuu beeku hundumaa humna kee guutuudhaan hojjedhu!” jedha. (Lallaba 9:10) Akkasumas, “Yaadni warra dhimmee hojjetuu buʼaa qaba” jedha.—Fakkeenya 21:5.

 Mirgi filannaa kennaa Waaqayyoo isa bakka guddaa qabu dha; sababiin isaas fedhii keenyaan kakaanee ‘garaa keenya guutuudhaan’ Waaqayyoon akka jaalannu argisiisuuf carraa nuuf kenna.—Maatewos 22:37.

Waaqayyo Wanta Hundumaa Toʼachuu hin Dandaʼu Jechuu Dhaa?

 Kitaabni Qulqulluun, Waaqayyo, Waaqa hundumaa dandaʼu akka taʼe barsiisa; humna isaa daangessuu kan dandaʼu isa qofa dha. (Iyoob 37:23; Isaayaas 40:26) Taʼus, humna isaa wantoota hundumaa toʼachuuf itti hin fayyadamu. Fakkeenyaaf Kitaabni Qulqulluun, Baabilon durii ishii diina saba isaa turte ilaalchisee Waaqayyo “of qabees ture” jedha. (Isaayaas 42:14) Haaluma walfakkaatuun, yeroo ammaattis namoota warra kaan miidhuuf mirga filannaa isaaniitti karaa sirrii hin taaneen fayyadaman obsuu filateera. Haa taʼu malee, bara baraaf obsuu isaa itti fufa jechuu miti.—Faarfannaa 37:10, 11.