Dhimma ijoo ta'etti seeni

Waaqayyo Maqaa Meeqa Qaba?

Waaqayyo Maqaa Meeqa Qaba?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Waaqayyo maqaa dhuunfaa tokko qofa qaba. Afaan Ibrootaatiin יהוה jedhamee kan barreeffamu yoo taʼu, Afaan Oromootiin yeroo baayʼee “Yihowaa” jedhamee hiikameera. a Waaqayyo karaa raajii isaa Isaayyaas: “Ani Yihowaa dha. Maqaan koos isa kana” jedheera. (Isaayyaas 42:8) Maqaan kun Kitaabota Qulqulluu harkaan garagalfaman durii keessatti gara siʼa 7,000 argama; kana jechuun, maqaawwan Waaqayyoof kennaman kaan ykn maqaa namootaa kam iyyuu caalaa baayʼinaan argama jechuu dha. b

Yihowaan maqaa biraa qabaa?

 Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo maqaa dhuunfaa tokko qofa akka qabu kan dubbatu taʼus, maqaawwan ulfinaa fi ibsawwan hedduuttis ni fayyadama. Maqaawwan ulfinaa fi ibsawwan kanaa gaditti tarreeffaman hedduun amalawwanii fi eenyummaa Yihowaa ibsu.

Maqaa ulfinaa

Caqasa

Hiika

Allaah

(Kitaaba Qulqulluu keessatti hin caqasamne)

Maqaan kun Afaan Arabaa irraa kan dhufee yeroo taʼu, maqaa dhuunfaa utuu hin taʼin maqaa ulfinaa hiikni isaa “Waaqa” jedhu dha. Hiikawwan Kitaaba Qulqulluu Afaan Arabaa fi afaanota kaaniin jiran, “Waaqayyo” jechuuf “Allaah” isa jedhu fayyadamu.

Waaqa Hundumaa Dandaʼu

Uumama 17:1

Humna hin daangeffamne kan qabu. Jechi Afaan Ibrootaa Eelshaadaayi ykn “Waaqa Hundumaa Dandaʼu” jedhu, Kitaaba Qulqulluu keessatti siʼa torba argama.

Alfaa fi Omeegaa

Mulʼata 1:8; 21:6; 22:13

“Isa duraa fi isa boodaa” ykn “isa jalqabaa fi isa xumuraa” jechuu yeroo taʼu, Yihowaa duras taʼe booda Waaqni Hundumaa Dandaʼu akka hin jiraanne argisiisa. (Isaayyaas 43:10) Alfaa fi omeegaan qubee Afaan Giriikii isa jalqabaa fi isa xumuraa ti.

Isa Bara Dheeraa Jiraate

Daaniʼel 7:9, 13, 22

Jalqaba hin qabu; qaamni ykn wanti kam iyyuu utuu hin uumamin dura bara baraaf jiraachaa ture.—Faarfannaa 90:2.

Uumaa

Isaayyaas 40:28

Wantoota hunda kan uume isa dha.

Abbaa

Maatewos 6:9

Jireenya kan kennu.

Waaqa

Uumama 1:1

Qaama waaqeffatamu; Qaama cimaa taʼe. Jechi Afaan Ibrootaa Eeloohiim jedhuu fi heddumina argisiisu, Yihowaan surraa, ulfinaa fi ol aantummaa akka qabu argisiisa.

Waaqa waaqolii

Keessa Deebii 10:17

“Waaqolii gatii hin qabnee” fi namoonni muraasni waaqeffatanii wajjin yeroo wal bira qabamu, Waaqa ol aantummaa guddaa qabu dha.—Isaayyaas 2:8.

Barsiisaa Guddicha

Isaayyaas 30:20, 21

Barumsaa fi qajeelfama faayidaa guddaa qabu kenna.—Isaayyaas 48:17, 18.

Uumaa Guddicha

Faarfannaa 149:2

Wantoota hundumaa kan uume isa dha.—Mulʼata 4:11.

Waaqa gammadaa

1 Ximotewos 1:11

Gammachuu guddaa qabaachuudhaan beekama.—Faarfannaa 104:31.

Isa kadhata namaa dhagaʼu

Faarfannaa 65:2

Kadhannaa amantiidhaan gara isaatti dhihaatu ni dhagaʼa.

Wantan Taʼuu Filadhu Nan Taʼa

Baʼuu 3:14

Kaayyoo isa raawwachuuf wanta taʼuun isa barbaachisu kam iyyuu ni taʼa. Ibsi kun maqaa dhuunfaa Yihowaa isa lakkoofsa itti aanu irratti argamu ibsuuf gargaara.—Baʼuu 3:15.

Hinaaffaa

Baʼuu 34:14, Kitaaba Qulqulluu Hiika Bara 1997

Waaqeffannaa wajjin haala wal qabateen qaamni isaan morkatu akka jiraatu hin heyyamu. Kana malees, jechi kun “morkattoota isaatiif kan hin obsine,” akkasumas “Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu taʼuu isaatiin beekamu” jedhamee hiikamuu dandaʼa.—Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa.

Mootii bara baraa

Mulʼata 15:3

Bulchiinsi isaa jalqabas taʼe dhuma hin qabu.

Gooftaa

Faarfannaa 135:5

Abbaa qabeenyaa; Afaan Ibrootaatiin Adoonii fi Adooniim jedhama.

Waaqayyo Tsabaaʼot

Isaayyaas 1:9, Kitaaba Qulqulluu Hiika Bara 1899; Roomaa 9:29; Kitaaba Qulqulluu Hiika Bara 1899

Ajajaa raayyaa maleekota baayʼee hedduu. Maqaan ulfinaa “Waaqayyo Tsabaaʼot” jedhu ‘Yihowaa Gooftaa Raayyaa,’ akkasumas ‘Gooftaa maccaa [samii]” jedhamee hiikameera.—Roomaa 9:29, Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa; Kitaaba Qulqulluu Hiika bara 1997.

Isa Hundaa Olii

Faarfannaa 47:2

Qaama aangoo ol aanaa qabu.

Isa Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe

Fakkeenya 9:10

Qaama kan biraa kam iyyuu caalaa (gama naamusaatiin) qulqulluu.

Suphe Dhooftuu

Isaayyaas 64:8

Akkuma suphe dhooftuun tokko suphee irratti aangoo qabu, nama ykn saba irratti aangoo qaba.—Roomaa 9:20, 21.

Isa Furu

Isaayyaas 41:14

Aarsaa furii Yesuus Kiristoositti fayyadamee ilmaan namootaa cubbuu fi duʼa jalaa oolcha ykn deebisee bita.—Yohaannis 3:16.

Qarsaa

Faarfannaa 18:2, 46

Iddoo amansiisaa kooluu itti galamuu fi madda fayyinaa.

Fayyisaa

Isaayyaas 45:21

Balaa ykn badiisa irraa kan oolchu.

Tiksee

Faarfannaa 23:1

Namoota isa waaqeffatan kan kunuunsu.

Gooftaa Ol Aanaa

Uumama 15:2

Aangoo hunda caalu qaba; Afaan Ibrootaatiin Adoonaayi jedhama.

Hundumaa Gararraa kan jiru

Daaniʼel 7:18, 27

Hunda caalaa ol aanaa.

Maqaawwan iddoo Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessatti ibsaman

 Maqaawwan iddoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman maqaa Waaqayyo isa dhuunfaa kan qabatan taʼus, maqaa Waaqayyoo bakka hin buʼan.

Maqaa iddoo

Caqasa

Hiika

Yihowaa Yirʼee

Uumama 22:13, 14

“Yihowaan ni Qopheessa.”

Yihowaa Nissi

Baʼuu 17:15

“Yihowaan Faajjii Koo Ti” ykn “milikkita ko [ti].” (Kitaaba Qulqulluu Hiika Bara 1899) Yihowaan Waaqa sabni isaa eegumsaa fi gargaarsa akka isaaniif godhu isatti amanamuu dandaʼani dha.—Baʼuu 17:13-16.

Yihowaa Shaalom

Abbootii Murtii 6:23, 24

“Yihowaan Nagaa Dha.”

Sababii maqaa Waaqayyoo beekuu fi itti fayyadamuu qabnu

  •   Waaqayyo maqaan dhuunfaa isaa inni Yihowaa jedhamu Kitaaba Qulqulluu keessatti siʼa kumaatamaan lakkaaʼamuun akka jiraatu waan godheef, maqaan isaa kun baayʼee barbaachisaa akka taʼe akka isatti dhagaʼamu beekamaa dha.—Miilkiyaas 1:11.

  •   Yesuus inni Ilma Waaqayyoo taʼe barbaachisummaa maqaa Waaqayyoo irra deddeebiʼee caqaseera. Fakkeenyaaf, “Maqaan kee haa qulqullaaʼu” jechuudhaan Yihowaa kadhateera.—Maatewos 6:9; Yohaannis 17:6.

  •   Namoonni maqaa Waaqayyoo beekanii fi itti fayyadaman Yihowaa wajjin michummaa uumuuf tarkaanfii isa jalqabaa fudhataniiru. (Faarfannaa 9:10; Miilkiyaas 3:16) Hariiroon akkasii immoo waadaa Waaqayyo, “Waan na jaallateef, isa nan oolcha. Maqaa koo waan beekeefis isa nan eega” jechuudhaan gale irraa faayidaa akka argatan isaan dandeessisa.—Faarfannaa 91:14.

  •   Kitaabni Qulqulluun, “‘Waaqolii’ hedduunii fi ‘gooftolii’ hedduun jiru; . . . samii irrattis taʼe lafa irratti waaqolii kan jedhaman [jiru]” jechuudhaan dubbata. (1 Qorontos 8:5, 6) Taʼus Yihowaa isa maqaa Waaqa dhugaa tokkicha taʼe adda baasee ibsa.—Faarfannaa 83:18.

a Hayyoonni Ibrootaa tokko tokko maqaan Waaqayyoo “Yaahwee” jedhamee utuu hiikamee filatu.

b Maqaan Waaqayyoo gabaabbatee yeroo barreeffamu “Yaah” jedhu, “Halleeluyaah” [jechuunis “Yaahiin jajadhaa”] kan jedhu keessa isa jiru dabalatee Kitaaba Qulqulluu keessatti siʼa hedduu argama.—Mulʼata 19:1