Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Faarfannaa 46:10—“Dhiisaa Taaʼaa, Ani Waaqa Akkan Taʼes Beekaa”

Faarfannaa 46:10—“Dhiisaa Taaʼaa, Ani Waaqa Akkan Taʼes Beekaa”

 “Dhiisaa taaʼaa, ani Waaqa akkan taʼes beekaa. Ani saboota gidduutti, lafa irrattis ulfina nan argadha.”—Faarfannaa 46:10, Hiika Addunyaa Haaraa.

 “Dhiisaa, gab jedhaa, ani Waaqayyo akkan taʼe beekaa! Ani saba lafa irraa gidduutti ol kaafameera; ani biyya lafaa keessatti ol kaafameera!”—Faarfannaa 46:10, Hiika Bara 1997.

Hiika Faarfannaa 46:10

 Waaqayyo namoonni hundi akka isa waaqeffatanii fi inni lafa irratti bulchaa taʼuuf mirga kan qabu taʼuu isaa akka beekan isaan akeekkachiiseera. Humnaa fi aangoo Yihowaan qabu kan hin haalamne taʼus, namni bara baraaf jiraachuu barbaadu kana amanee fudhachuun dirqama dha.—Mulʼata 4:11.

 “Dhiisaa taaʼaa, ani Waaqa akkan taʼes beekaa.” Hiikawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko kutaa jalqabaa hima kanaa “dhiisaa, gab jedhaa” jechuudhaan hiikaniiru. Kunis namooni karaa dogoggora ta‵een akka hubatanii fi bakka waaqeffanaati yaada lachu irraa akka of qusatan godheera. Haa taʼu malee, gaaleen afaan Ibrootaa “dhiisaa taaʼaa, ani Waaqa akkan taʼes beekaa” jedhu ajaja Yihowaan a namoonni saba hundumaa isa mormuu isaanii akka dhaaban akkasumas inni qofti waaqeffatamuu akka qabu akka beekan kenne dha.

 Faarfannaa 2 irrattis ajajni kanaa wajjin wal fakkaatu kennameera. Caqasa kana irratti, Waaqayyo namoota isa morman irratti tarkaanfii akka fudhatu akeekkachiiseera. Karaa gara biraa immoo namoonni aangoo Waaqayyoo amananii fudhatan qajeelfama, humnaa fi ogummaa inni kennu irratti amantaa godhatu. “Warri isatti kooluu galan” keessumaa yeroowwan rakkisaa taʼanitti gammachuu fi nageenyatu isaanitti dhagaʼama.—Faarfannaa 2:9-12.

 “Ani saboota gidduutti, lafa irrattis ulfina nan argadha.” Yeroowwan darbanitti, Yihowaan humna isaatti fayyadamuudhaan saba isaa yommuu eegutti ulfina argateera. (Baʼuu 15:1-3) Gara fuulduraatti, namoonni addunyaa irra jiraatan hundi yeroo isaan aangoo Yihowaa amananii fudhatanii fi isa waaqeffatanitti guutummaatti ulfina argata.—Faarfannaa 86:9, 10; Isaayaas 2:11.

Yaada naannoo Faarfannaa 46:10⁠tti argamu

 Barreeffamni tokko Faarfannaa 46 irratti yaada akkana jedhu kenneera: “Faarfannaa humna Waaqayyoo kabachiisu, humna qabeessa saba isaatiif dawoo kan taʼe dha.” Sabni Waaqayyo Faarfannaa 46 yommuu faarfatan, Yihowaan isaan eeguu fi isaan gargaaruuf dandeettii inni qabu irratti amanannaa qaban ibsu. (Faarfannaa 46:1, 2) Jechoonni kun Yihowaan yeroo hundumaa isaan wajjin akka taʼe isaan yaadachiisa.—Faarfannaa 46:7, 11.

 Faarfatichi, Yihowaan saba isaa eeguuf humna inni qabu irratti amanannaa qaban cimsuuf, wantoota dinqisiisoo Yihowaan kanaan dura raawwate irratti akka xiinxalan isaan afeereera. (Faarfannaa 46:8) Keessumaa dandeettii Yihowaan waraana balleessuuf qabu irratti akka xiyyeeffatan godheera. (Faarfannaa 46:9) Yihowaan bara duriitti waaqeffattoota isaa saboota diina taʼan irraa eeguuf waraana balleesseera. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo dhiheenyatti guutummaa lafaa irraa waraana akka balleessu abdii akka kenne dubbata.—Isaayaas 2:4.

 Yihowaan yeroo harʼaattis waaqeffattoota isaa ni gargaaraa? Eeyyee! Phaawulos ergamaan iyyuu Kiristiyaanonni Yihowaa irraa gargaarsa argachuuf akka isatti amanaman cimsee jajjabeesseera. (Ibroota 13:6) Yaanni Faarfannaan 46 qabate humna Waaqayyo nu eeguuf qabu irratti amanannaa qabnu kan nuuf cimsu dha. Yaanni kun Waaqayyo “iddoo kooluu itti galluu fi jabina keenya” akka taʼetti akka isa ilaallu kan nu gargaaru dha.—Faarfannaa 46:1.

 Viidiyoo kitaaba Faarfannaa gabaabsee ibsu kana ilaali.

a Yihowaan maqaa Waaqayyoo ti. (Faarfannaa 83:18) Mata duree “Yihowaan Eenyu Dha?” jedhu ilaali.